Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuuwwan dhaabaman gamtaan kunuunsuun Ityoophiyaa mijattuu ijaaruun barbaachisaadha-Dooktar Geediyoon Ximootiwoos

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Sagantaa ashaaraa magariisaa eegalame galmaan ga’uuf biqiltuuwwan dhaabaman gamtaan kunuunsuun Ityoophiyaa mijattuu ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos ibsan.

Dooktar Geediyoon, Godina Matakkalitti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Sangaticharratti akka ibsanitti, Hidhi Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa naannawichatti kan argamu waan ta’eef, hojiin eegumsa naannawaa hojicha gitu gaggeeffamuutti dabalataan, nageenyi dhufe cimee akka itti fufuuf hunduu hirmaachuu qaba.

Qabeenya umamaa naannichaa fi fayyadamummaa haqaa hunda galeessaa lammiilee mirkaneessuun nageenyi yoo jiraate waan ta’eef, cimee akka itti fufuuf lammiileen hunduu gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Magaalaa Gilgal Balasitti sagantaa biqiltuu dhaabuu, hojjettoota Ministeera Haqaa dabalatee hoggantoonni olaanoo naannoo fi godinaa hirmaachuu isaanii ragaan Godina Matakkal irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.