Fana: At a Speed of Life!

birmadummaa biyyaa fi kabaja ummataaf wareegamni nuti hin kaffallee kan hinjirree ta’uu irra deebiin mirkaneessuni jedhan Meejera Jeneraal Mahaammad Tasammaan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Waamicha ogeeyyii aartii yoo fudhannu birmadummaa biyyaa fi kabaja ummataaf wareegamni nuti hin kaffallee kan hinjirree ta’uu irra deebiin mirkaneessuni jedhan Meejera Jeneraal Mahaammad Tasammaan.
Daayreektarri olaanaan Indooktiriineeshinii raayyyaa ittisa biyyaa Meejera Jeneraal Mahaammad Tasammaan waamicha ogeeyyii aartii ‘ raayyaa ittisaa biyyaaf ni dhaabbanna’ jedhu yoo fudhannu birmadummaa biyyaa fi kabaja ummataaf wareegamni nuti hin kaffalle kan hinjirree ta’uu irra deebiin mirkaneessuni jedhan.
Sagantaan waamichaa qopheessummaa ogeeyyii aartiin guyyaa boruu ‘ raayyaa ittisaa biyyaaf ni dhaabbanna’ jedhuun gaggeeffamu raayyaa ittisa biyyaaf hamilee olaanaa ta’uun dirqama mootummaa fi ummataan itti laatame yeroo gabaabaatti xumuruun sosochii idileetti deebis’uuf ni jajjabeessa jedhan.
Saganticha bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi jiraattoonni waliin kan kabajan yoo ta’u, raayyaan ittisa biyyaa fi ogeeyyiin aartiis waliin ni yaadatu jedhame.
Akkasumas miseensoonni raayyaa Ittisa biyyaa garee finxaaleyyii seeraatti dhiyeessuuf ergama fudhatanii hojjechaa jiran ni yaadatamu jedhameera.
Sagantichi lammiileen biyyattii hundi iddoo jiranitti kan kabajan yoo ta’uu, miidiyaaleen kallattiin kan tamsa’u ta’uu ragaan Raayyaa Ittisa biyyaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.