Fana: At a Speed of Life!

Biyya baraaruun dhimma Muummee Ministiraa qofaa miti – Weellisaa Abbush Zallaqaa

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Biyya baraaruun dhimma Muummee Ministiraa qofaaf dhiisanii miti jedhe Weellisaa Abbush Zallaqaan.
Weellisaa Abbuush Zallaqaan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duulanis biyya baraaruu dhimma isaan qofaaf dhiisan akka hin taane ibseera.
Yeroo kanatti damee biyyi nu barbaadduun hundaan hirmaachuu qabna jedhe turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiiseen.
Birmadummaa Biyyaa eeguun dhaloota dhaalchuuf qabsaa’uu qabna jechuun ibseera.
Biyya takko qabna akka diiggamtu hin feene jechuun dubbateera.
Akka nama dhuunfaatti waan biyya irraa barbaaddu gumaachuuf qophii ta’uu himeera.
Lammiileen Ityoophiyaa hundi qophaa’uu akka qaban ergaa dabarseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.