Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa damee loltummaan Itiyoophiyaa waliin walitti hidhamiinsa qaban guddisuuf akka hojjetan ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan ijaarsaa Raayyaa Ittisaan barootaa dheeraa lakkoofsise kan qabdu ta’uun biyyattii waliin hariiroo qaban caalmaan cimsuuf akka hojjetan Ataasheewwan loltummaa biyyootaa Afrikaa garagaraa ibsan.

Guyyaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa 116ffaa ilaalchisuun argisiisni suuraa seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa argisiisu Galma Tiyaatira Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jira.

Argisiisicharratti kan hirmaatan Ataasheewwan loltummaa biyyoota Afrikaa garaagaraa argisiisichi seenaa bal’aa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa akka hubatan kan taasise ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaa fi Gamtaa Afrikaatti Ataasheen Loltummaa Zimbaabuwee Birgaader Jeneraal Iinees Ashaamuu, argisiisichi hubannoo waa’ee seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qaban kan gabbiseef ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaa fi Zimbaabuween damee loltummaan hariiroo seena qabeessaa akka qaban kaasanii, biyyattiin hariiroo damichaan qaban cimsuun hojiilee isaanii gaggeessuurratti akka argaman dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Ataasheen Loltummaa Gaaboon Koloneel Arsitiidee Anguleet gama isaaniin argisiisichi, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa abbaa seenaa dheeraa ta’uu fi guddina hundagaleessaa raayyichaa kan argisiise ta’uu ibsaniiru.

Dandeettii Raayyaan Ittisaa Biyyaa Itiyoophiyaa qabu biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kaasanii, Gaaboonii fi Itiyoophiyaan damee loltummaan walitti hidhamiinsa qaban guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.