Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Lixaa Raashiyaa qoqqooduu barbaadu – Pireezdaanti Putiin

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Biyyoonni Lixaa Raashiyaa qoqqooduuf yaada qabaachuu Pireezdaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin ibsan.

Biyyoonni Lixaa yeroo ammaa Raashiyaarratti haleellaa raawwachaa jiraachuu Putiin ibsaniiru.

Kaayyoon biyyoota Lixaa tokkummaa Raashiyaa laaffisuu fi qoqqooduu ta’uu eeraniiru.

Biyyoonni Lixaa Bara Faranjootaa 1991 biyyattii qoqqooduuf hojjechuu isaanii himaniiru.

Yeroo ammaas Raashiyaa kutaalee garaagaraatti qoqqooduuf hojjechaa jiraachuu ibsa miidiyaaf laataniin kaasaniiru.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru jibba biyyoonni Lixaa Raashiyaarraa qabaniin kan ka’e ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon Ameerikaa fi deeggartoota ishee siyaasa, Diinagdee fi duudhaalee Raashiyaa balleessudha jechuu isaanii TR gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.