Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota Afrikaa hanqinni meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa yeroo dhiyootti muudachuu danda’a

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Biyyoota Afrikaa hanqinni meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa yeroo dhiyootti muudachuu akka danda’u giddugallii ittisaa fi too’annoo dhibee Afrikaa beeksise.
 
Biyyoonni Afrikaa hanqina meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa isaan muudachuu danda’u hir’isuuf hojjechuu akka qaban giddugalichi ibsa baaseen yaadachiiseera.
 
Biyyoonni Afrikaa 41 haguuggii fuulaa fayyadamuun darqima ta’uu labsuu kan ibse giddugalichi, hanqinni ogeeyyii fayyaa fi meeshaaleen namoonni dhuunfan itti fayyadaman akka hin muudanneef hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.
 
Dhaabbileen weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dhaabbatan hanqina meeshaalee ittisaa muudachuu danda’u hambisuuf hojjechuu qabu jedhame.
 
Ardichatti Hanqinni meeshaalee kunneenii hojiilee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjetamutti gufuu akka hin taanee xiyyeeffannoo guddaan kan barbaachisu ta’uu giddugalichi ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.