Fana: At a Speed of Life!

Boordichi Abbootii qabeenyaa Kaappitaalaa Birrii biiliyoona 148 galmeessisan kuma 3 fi 700 oliif lafa invastimnati murteesse

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Boordiin Invastimantii Oromiyaa Abbootii qabeenyaa Kaappitaalaa Birrii biiliyoona 148 galmeessisan kuma 3 fi 700 oliif lafa invastimnati murteesseera.
Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa Miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti bara 2016 keessa Invastaroota kuma 3fi 747 ol Kaappitaalaa Birrii biiliyoona 148 ol galmeessisaniif lafti hektaarri kumni 35 Murtii Boordii argaachuu ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneen waayita guutummaatti hojii eegalan namoota kuma 579fi 114 tiif carraa hojii uumuu danda’u jedhan.
Abbootiin Qabeenyaa Biyya Keessaa kuma 1fi 283, babal’ifannaa,66 Diyaaspooraa 148, Biyya Alaa 17, Qonnaan Bulaa fi Gariin Horsiisee Bulaa 2,074, IMX 344 fi Waldaa Hojii Gamtaa 53 waliigala Abbootiin Qabeenyaa kumni 3 fi 747 murtii boordii argaachuun ibsameera.
Pirojektootni Invastimantii murtii Boordii argatan akkaataa waliigaltee isaaniin yeroo gabaabaa keessatti hojiitti galuu akka danda’an Caasan sadarkaa sadarkaa jiru deeggarsaa fi Hordoffii barbaachisaa akka taasiisu Obbo Ahimad Waamicha dhiyeessuu ragaan Biircharra aragme ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.