Fana: At a Speed of Life!

Boordichi gaaffii mana marichaa kan hin fudhanne ta’uu beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa gaaffii Manni Maree naannoo Tigraay filannoo naannoo 6ffaa gaggeessuuf dhiyeesse kan hin fudhanne ta’uu beeksise.
 
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa gaaffii Manni Maree naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf boordichi akka raawwachiisuuf dhiyeesse ilaalachisee ibsa laatera.
 
Manni Maree naannoo Tigraay filannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf murtoo dabarseen akkaataa heeraa mootummaa FDRI Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa murticha fudhachuun filannoo akka raawwachiisuuf, filannicha gaggeessuuf humna namaa fi loojeestiiksii barbaachisuu akka qopheessuu fi murtoo isaa mana marichaaf akka beeksisu gaafateera.
 
Sadarkaa federaalattis ta’ee naannootti aangoon filannoo raawwachiisuu kana laatame Boordii Filannoo Biyyaalessaaf qofaaf ta’uu heera mootummaa FDRI keeyyata 102 muraa 1 jalatti tumameera.
 
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo raawwachiisuuf qophii barbaachisu taasisaa osoo jiruu sababa weerara vaayrasii koroonaan qophiin taasisaa ture gufachuu beeksisee ture.
 
Boordichi haala weerara vaayrasichaa gamaaggamuun qaama dhimmi ilaalu waliin erga irratti mar’atee boodaa filannoon biyyaalessaa 6ffaan gabatee yeroo kaa’meen raawwachisuun akka hin danda’amne murteerra ga’eera, murtoo kanas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessera.
 
Manni marichaas gaaffii dhiyaateef fudhachuun hiikkaan heeraa akka itti laatamu murteessuun kan yaadatamuudha.
 
Bu’uruma kanaan Manni Maree Federeeshiniin murtoo Waxabajjii 3, 2012 dabarseen sababa weerara vaayrasii koroonaan filannoo gaggeessuun waan hin danda’amneef Manneen Maree Federaalaa fi naannoolee hojii isaanii akka itti fufan murteessara.
 
Haaluma kanaan:-
1. Filannoon biyyaalessaa 6ffaa sababa weerarichaan dheerate, haalli jiru qoratamee filannoo gaggeessuun akka danda’amu hanga mirkanaa’uutti Boordiin filannoo biyyaalessa Ityoophiyaa naannoo biyyattii kamittuu filannoo hin gaggeessuu.
2. Manni Maree naannoo Tigraay naannichaatti filannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf murteen dabarsee fi boordichi murticha fudhachuun raawwachiisuu qaba jechuun gaaffiin dhiyeesse bu’ura seeraa hin qabu.
 
Boordichi sababa olitti tarreeffamaniin Manni Maree naannoo Tigraay murtoo filannoo ilaalchisee darbarse boordiin filannoo biyyaalessaa akka beekuu fi akka raawwachiisuuf gaaffii dhiyeesse kan hin fudhannee ta’uu beeksiseera.
 
Dhiyeessii humna namaa, Loojeestiiksii fi meeshaalee dhiyeesuufis bu’urri seeraa kan hin jirre ta’uu ifoomsuu isaa ragaan Boordicharraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.