Fana: At a Speed of Life!

Boordichi gabatee yeroo taa’een paartileen siyaasaa mallattoo dargommii filannoo akka fudhatan hubachiise

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Paartileen Siyaasaa filannoo marsaa 6ffaarratti dorgoman akkaataa gabatee yeroo taa’een mallattoo dargommii filannoo akka fudhatan Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa waamicha dhiyeesseera.
Paartileen Siyaasaa mallattoo filachuu kaleessa kan eegalan yoo ta’uu, hanga Amajjii 24, 2013tti xumuramuu qaba jedhame.
Hanga ammaatti Paartilee beekkamtii argatan 53 keessaa 25 mallattoo isaanii filachuu ibsameera.
Kaadhimamtootaf mallatoo filannoo Boordichi dhiyeesse bakka buutoonni paartilee mallattoo bakka nu bu’a jedhan filachuu kan danda’an ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera.
Mallattoo filannoo isaan bakka bu’u kanneen Boordichi qopheesse keessa yoo dhaban ofiin qopheeffachuun dhiyeeffachuu akka danda’an ibsameera.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.