Fana: At a Speed of Life!

Boru taphni Maanchiister Siitii fi Liivar Puul gidduutti taphatamu akkaan eegama

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC) – Taphoota Piriimaayeer Liigii Ingilaand torbee 13ffaa boruu eegalee gaggeeffamuun taphni Maanchiister Siitii fi Liivar Puul gidduutti taphatamu akkaan eegama.

Boru waaree booda sa’aatii 9:30 irraa galee taphni Maanchiister Siitii fi Liivar Puul gidduutti Istaadiyeemii Itihaadiitti taphamu xiyyeeffannoon eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti taphatameen garaagarummaa qabxii 1 sadarkaa 1ffaa fi 2ffaarratti argamu.

Taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 192 keessaa Liivar Puul 91 yoo injifatu, Siitiin 50 injifachuun, 51 ammoo qixa ba’aaniiru.

Tapha boruun taphni Niwuu Kaastiil Yuunaayitiid Cheelsii waliin sa’aatii 12:00 eegalee taasiifamu tapha hordoftoota kubbaa miilaan si’oominaan eegamuudha.

Taphoota Piriimaayeer liigichaa bara kanaa hanga ammaatti taphateen qabxii 27 walitti qabachuun sadarkaa 3ffaarratti kan argamu Arsenaal galgala sa’aatii 2:30 irraa jalqabee Bireentifoordi waliin morkiin taasiisu hawwiin eegama.

Dilbata taphni Tootanihaam Astoon Viillaa, Eevartan Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasiisan xiyyeeffannoo argateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.