Fana: At a Speed of Life!

Bu’a qabeessummaa marii biyyoolessaaf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa akka taasisuu mirkaneesse

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) – Bu’a qabeessummaa marii biyyoolessaaf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa akka taasisuu waajjirri qindeessaa dhaabbatichaa Ityoophiyaa ibseera.

Komishinaroonni Komishinii Marii Biyyoolessaa Ityoophiyaa hawaasa dippilomaatikii teessoosaanii magaalaa Finfinnee taasisaan waliin mari’ataniiru.

Walitti qaban komishinichaa Proofeeser Masfiin Ari’ayaa haasaa taasisaniin kayyoo, hundeeffamni, caaseffamni, adeemsi hojimata marii biyyoolessaa, hojiiwwan hanga ammatti hojjetamanii fi qophii gara fuuladuraarratti hawaasa dippilomaatikiif ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniitinis komishinichi mootummaa Ityoophiyaarraa deeggarsa argachuus himaniiru.

Mariin gaggeeffamu kutaa hawaasa hundaa hirmaachisuunii jedhaniiru.

Dhimmoonni biyyoolessaa sirnaan mariirratti gaggeeffamuuf qophiin duraa xumuramuun gara qophii boqonnaatti seena jiraachuu himameera.

Mariin biyyoolessaa kun kan hoogganamu giddu seentummaa alaa tokko malee akka gaggeeffamu ibsameera.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Yavgiinii Taarkiin, marii komishinichi gaggeessuun birmaddummaa Ityoophiyaa mirkaneessuun gara sadarkaa olaanaatti ni ceesisaan abdii akka qaban himaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapriik Alaap, Ityoophiyaa fi Turkiin hariiroo isaan qaban himuun bu’a qabeessummaa marii biyyoolessaaf Turkiin deeggarsa akka taasiftu mirkaneessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.