Fana: At a Speed of Life!

Bu’aalee damee Diinagdee fi Dippiloomaasiin argaman keessatti qoodni miidiyaalee olaanaa ture – TKM

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC) – Baatiiwwan jahan darban keessa bu’aalee damee Diinagdee fi Dippiloomaasiin argaman keessatti qoodni miidiyaalee olaanaa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa Yaa’ii Waloo dhaabbilee Miidiyaa fi Kominikeeshiniin bara 2016 Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Yaa’ichaan hojiilee damee Miidiyaa fi Kominikeeshiniin baatiiwwan jahaan darban keessa hojjetaman gamaaggamameera.

Bara kana miidiyaalee fi dhaabbileen Kominikeeshiniin sadarkaan jiran bifa gurmaa’een gara hojiitti galuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun eeraniiru.

Baatiiwwan jahaan darban utubaalee diinagdee mootummaan xiyyeeffannoo itti kenneen bu’aa jajjabeessan argamuu ibsaniiru.

Akkasumas olaantummaa seeraa kabachiisuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, nageenya waaraa fiduu fi damee Dippiloomaasiin hojiilee gaariin hojjetamuu dubbataniiru.

Bu’aalee damee kanneeniin galmaa’aan keessatti qoondi miidiyaalee fi Kominikeeshinii olaanaa ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.