Fana: At a Speed of Life!

Bu’aalee oomisha Foonii fi Aannanii alatti ergamerraa galiin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 72 argame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2012 (FBC) – Bu’aalee oomisha Foonii fi Aannanii alatti ergamerra Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 72 galiin argamuu Inistityuutiin Misooma Indaastirii Foonii fi Aannanii Ityoophiyaa beeksise.
 
Daayreektarri olaanaan Inistiityuutichaa obbo Hayilasillaasee Warras, galiin olaanaan bu’aalee oomisha foon Qotiyyoo, Ra’ee fi Hoolaarraa kan argame ta’uu himaniiru.
 
Kan hafe bu’aalee oomisha Aannanii, Dammaa, Qurxummii fi kanneen biroo gara alaatti ergamanirraa ta’uu ibsaaniiru.
 
Keessattuu bara baajataa darbe baatii Eebilaa fi Caamsaa keessa oomishni damichaan gara Dubaay fi Saawud Arabiyaatti ergaman bu’aa gaarii argamsiisuu Daayreektarichi dubbataniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan balalliin gara biyyoota kanneetti taasiifamu osoo adda hin citin dura guyyaan foon toonii 100 fudhachuuf fedhiin kan ture ta’uu ibsaniiru.
 
Biyyoonni kunneen ammas bu’aalee oomisha foonii Ityoophiyaarraa galchuuf fedhii qabu jedhan.
 
Sababa weerarichaa fi hanqina looniin tajaajjilli balallii adda cituu isaan bara baajatichaa damicharraa Doolaara Ameerikaa miiliyoon dhibba 1 fi miiliyoona 24 argachuuf karoorfame gufachuu ibsaniiru.
 
Maddi:- TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.