Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Nageellee Arsiitti kabajaa guyyaa ‘March 8’ sababeeffachuun deeggarsi taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa magaalaa Nageellee Arsiitti kabajaa guyyaa dubartoota ‘March 8’ sababeeffachuun deeggarsi taasifameera.

Magaalichatti  ayyaanni dubartoota addunyaa “March 8” mata duree “dubartoonni hirmaattota malee miidhamtoota siyaasaa hin ta’in” jedhuun kabajameera.

Kabajni ayyaana kanaa akka addunyaatti yeroo 111ffaf akka biyyaatti ammoo yeroo 46ffaaf kan kabajamaa jiru.

Itti gaafatatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootafi Daa’imman Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii aadde Fatiyaa Abdurahman,dhiibbaa fi cunqursaa mirga dubartoota hambisuuf dubartoota gama siyaasaa,hawaasummaafi diinagdeetiin gahoomsuun fayyadamuummaa dubartoota mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa akka ta’e ibsanii jiru.

Dubartoota harka qalleeyyii magaalichaa rakkoolee garagaatiif saaxilaman deeggarsa mallaqa, midhaan nyaata, ijaarsi suphaa mana jireenyaa maatii harka qalleeyyii akkasumas deeggarsa beeylada hoolaa fi re’ee taasiisuun jajjabeessuusaanii ragaan kominikeeshinii godina  Arsii Lixaarra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.