Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti balaa ibidaa tasa uumameen qabeenya irratti miidhaa qaqqaabsiise

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti balaa ibidaa tasa uumameen qabeenya irratti miidhaa qaqqaabsiise.
Balaan kun Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Ganda Noonnoo Mana Abbichuu iddoo addaa Illaamuu jedhamuutti naannoo sa’aatti 6:30 qaqqabeedha.
Balaa ibbidaa kanaaniis mannii dhuunfaa obbo Abarraa Fayyisaa jedhamu irratti kan qunnamee yeroo ta’u, balaa kanaaniis, Mannii qorqorroo 1, Manni Citaa 4, Lukkuuwwan 15 fi meeshaalee manaa guutuumaa guutuutti barbadaa’e jira.
Akka Waajjiri kominikeeshinii Bulchiinsa magaalaa Sulultaa beeksiseetti, ka’umsi balaa ibiddaa kanaas qoratamaa kan jiru yeroo ta’u,balaa Ibidda uumamee kana ummanni naannichaa fi Ittisa balaa Abidaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’u to’achuun danda’aameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.