Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota naannoo Boolee Bulbulaatti argamaniif meeshaalee quqlullinaa arjoome

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota naannoo Boolee Bulbulaatti argamaniif meeshaalee quqlullinaa arjoome.
 
Qonnaan bultoonni kunneenis maanguddoota bulchinsi magaalichaa kunuunsaa jiruuf kan oolu midhaan kennaan laataniiru.
 
Itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan fi ogeeyyiin Aartii garaagaraa sirna kanarratti argamaniiru.
 
Meeshaalee kanneen kan gumaachaan Injiinar Taakkalaan, yeroo kamiiyyuu caalaa waldeeggaruu fi obbolummaa agarsiisuun amma jedhan.
 
Gumaachi qonnaan bultoonni kunneen taasisanis qaama hedduuf fakkeenya kan ta’uudha kan jedhan Injiinar Taakkalaan, yeroo addunyaan dhiphina hamaa keessa jirtu kanatti daldaltoonni seeraan ala daballii gatii taasisan ofitummaarra darbee, kanneen namummaan itti dhagamne ta’uu isaanii ibsaniiru.
 
Qaamoolee yakka akka kanaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhamu bifa addaan kan itti fufuudha jedhan.
 
Jiraattoonni magaalaa Finfinnee seera alummaan akka babal’atu fi itti fufu kan eeyyamne ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.