Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii hojii baatiwwan 6 darbanii gamaggame

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii hojii baatiwwan 6 darbanii gamaggamuu ibsame.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Xumura gamaggamichaarratti argamuun kallattiiwwan hojii fuuladuraa kaa’uu ibsamera.

Magaalichatti baatiiwwan jahan darbanitti waraana qolachaa, hojiilee nageenyaa kabachiisuu hojjechuun cinaatti hojiilee mootummaaf xiyyeeffannoo fi hordoffii addaa kennuun hogganamaa turuu eeraniiru.

Hojiilee raawwii fooyya’aa qabanii fi uummataan ragaan ba’ameef jiraachuu kaasuun kanneen keessaa hojiileen sooruu, hirmaannaa hawasaa, qulqullinaa fi miidhaginaa, nageenyaa, barnootaa, fayyaa fi galii warren raawwii gaarii galmeessisan ta’uu addeessaniiru.

Hojiin tajaajila tola ooltummaa nageenya naannoo kabachiisuuf gurmaa’iinsa kuma 18 ol hundeessuun hojjetame jajjabeessaa turuu kaasaniiru.

Dhaabbileen raawwii gadi aanaa galmeessisan hanqina isaanii soroorsuun gaaffiiwwan uummataa  deebisuuf qophaa’uu akka qaban yaadachiisuu isanii ragaan Waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.