Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa deeggarsa lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif walitti qabe gara godinichaatti erge

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa akaakuu fi Maallaqaa Birrii miiliyoona 250 lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif walitti qabe gara godinichaatti erge.

Deeggarsichi kutaalee hawaasaa, dhaabbilee garaagaraa fi kutaalee magaalarraa kan walitti qabame ta’uu ibsameera.

Birrii miiliyoonni 104 Biiroolee, miiliyoonmi 37 Aanaalee fi Birriin miiliyoonni 109 abbootii qabeenyarraa walitti qabamuu eerameera.

Ummanni Booranaa gaarummaa fi arjoominaan beekkamu har’a hongeen miidhaman waan ta’eef waan dandeenyu hundaan tumsa ni taasiifna jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach qaamolee tumsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Deeggarsi marsaa 2ffaan kan itti fufu ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Aadde Adaanach Abeebeen Addabaaba’ii Masqalaatti argamuun deeggarsicha Itti Aanaa Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiif laataniiru.

Obbo Awwaluun deeggarsa bulchiinsi magaalichaa taasiseef galateeffachuun, godinaalee Oromiyaa 10 keessatti hongeen mudachuu kaasaniiru.

Mootummaan naannichaa lammiilee kanneen baraaruuf tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Kutaaleen hawaasaas deeggarsa taasisan akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.