Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa manneen gandaa 134 jiraattoota jireenya gadi aanaa keessa jiraataniif dabarse

Finfinnee, Eebila 20, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen gandaa 134 jiraattoota jireenya gadi aanaa keessa jiraatanii fi qaama miidhamtootaaf dabarseera.
Bulchiinsi magaalichaa kutaa magaalaa Gullalleetti harka qalleeyyii, qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf manneen gandaa 134 laateera.
Gaaffii uumata magaalichaa deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach abeebee sirna walharkaa fudhiinsa taasiifameerratti ibsaniiru.
Murtee dabarsa manneen jireenyaa Kaabinee Kutaa Magaalaa Gullallee hordofee Jiraattoota harka qalleeyyiif manni jireenyaa kun akka darbu taasiifamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan kutaa magaalichaa obbo Abbaway Yoohaannis dubbataniiru.
Ayyaana Faasikaa fi Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun jiraattoota jireenya gadi aanaa keessa jiraatan kuma 1 fi 236 sagantaan maaddii qooddachuu raawwatamuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.