Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa manneen kuma dhibba 1 ijaarsiisuuf Waldaa Goojjoo Biriijin waliigale

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa kuma dhibba 1 ijaarsiisuuf Waldaa Goojjoo Biriij jedhamu waliin waliigaltee mallatteesseera.
Bulchiinsi magaalichaa rakkoo mana jireenyaa jiraattoota magaalichaa furuuf karoora qabame milkeessuuf dhaabbaticha waliin qindoominaan hojjechuuf waliigaluu ibseera.
Waldichi yeroo dhiyootti manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan kuma 1 ijaaruuf hojii dizzaayinii hojjetaa jiraachuu ibsameera.
Akka EBCn gabaaseetti Waldaan Goojjoo Biriij qaamolee dhuunfaa qabiyyee dhuunfaa qabaatanii mana ijaarrachuu ijaarrachuu hin dandeenye waldaan gurmeessuun iddoo isaanii osoo hin buqqa’in mana jireenyaa sadarkaa isaa eeggate ijaaruuf waggoota sadi dura kan hundaa’eedha.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.