Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa naannoo Tigraayiif birrii miiliyoona 100 fi meeshaalee birrii miiliyoona 35tti tilmaamamu deeggarsa taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Tigraayiif Birrii miiliyoona dhibba 1 fi meeshaalee Birrii miiliyoona 35tti tilmaamamu deeggarsa taasiiseera.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee magaalaa Maqaleetti argamuun deeggarsicha hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaaf laataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee hoggantoota bulchiinsa naannichaa fi jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa magaalaa Maqalee waliin mari’ataniiru

Deeggarsi eegalame itti fufiinsa kan qabaatu ta’uu aadde Adaanachi ibsaniiru.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, preezdaantiin mootummaan naannoo Hararii obbo Oordiin Badari, Kaantibaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Ahimad Mahaammad, hoggantoonni olaanoon magaalaa Finfinnee, abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa, bakka buutoonni dargaggootaa fi dubartootaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffame keessatti qaamolee miidhaman Hospitaala Ayidaritti argamuun daawwachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaatii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.