Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalichaa raawwii baatiiwwan 7’n darbanii qorachuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii baatiiwwan torban darbanii Galma Yadaannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessuu eegaleera.
 
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen raawwii karoora baatiiwwan 7’n darbanii gamaaggamuu eegaluu gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
 
Baatiwwaan 7n darbanitti hojiileen bu’aa qabeessi hedduun hojjetamuu eeruun, akka gaaffii ummataan ammas hanqinaaleen jiraachuu kaasaniiru.
 
Gamaaggama rawwii kanaan, hojiilee osoo xumuramuu qabanii hinxumuramiin jiran, hanqinaa fi sababoota hanqinaa adda baasuun sirreessuu fi kallattii kaa’uuf akkasumas, raawwii gaarii jajjabeessuun dandeetti dabalataa uumuun, bu’aa olaanaaf kan itti qophoofnuudha jedhaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.