Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa weerara lafaa ittisuuf qabiinsa ragaa ammayyeessaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Weerara lafaa seeraan alaa ittisuuf qabiinsa ragaa ammaayyeessaa jiraachuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Hojimaata badaa bulchiinsa lafaan walqabatee mul’ate ilaalchisee Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Maalaammaltummaa Federaalaa qaamolee dhimmi ilaalu waliin marii taasiseera.
 
Marii taasisan keessatti ka’umsi weerara lafa seeraan alaa baay’inni uummataa dabaluu, hoji dhabdummaan baay’achuu, rakkoo mana jireenyaa fi daangaan magaalootaa ifatti beekamuu dhabuun akka rakkoo guddaatti ka’eera.
 
Marii kanarratti bulchitoonni bulchiinsa kutaalee magaalaa fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu argamuun rakkoo weerara lafa seeraan alaa magaalaa Finfinnee haala kamiin furuun akka danda’amurratti marii gaggeessaniiru.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.