Fana: At a Speed of Life!

Bulchinsii magaalichaa kaleessa Addabaabaay Masqalaatti sagantaan Afxiraa gufachuu dhiifama gaafate

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kaleessa Addabaabaay Masqalaattii sagantaan Afxiraa gufachuu dhiifama gaafateera.

Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanch Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti akka ibsanitti, guyyaa kaleessaa wanta muudateef maqaa koo fi magaalichaa dhiifamaan gaafadha jedhaniiru.

Addabaabaayiin Ityoophiyaa hundi kan Ityoophiyaanoota hundaati kan jedhan aadde Adaanach, uummaanni maaddii tokkoo waliin qooddatee addabaabaayii tokkoon kan kootii, kan kootii jedhe wal hin dhabu jedhaniiru.

Sagantaan Afxiraa addabaabaayichaa kan gufateef haala waqtaawaa fi nageenyaa tilmaamaa keessaa galchuun baldhinnii fi dheerinnii bakkiichaa murta’aa akka ta’uuf yaada dhiyaateef koreen qopheesseen qofaan ta’uu himaniiru.

Kaleessa galgala sochiin qaamolee nageenyaa tasgabbii fi nageenyii jiraattootaa hunda akka mirkanaa’uuf  eegumsaa barbaachisaa taasisuuf kan kaayyeeffateedha malee Afxiraa dhorkuu akka hin taanee ibsaniiru.

Akka fakkenyaattis magaalichaatti  iddoowwan tokko tokkootti sagantaan Afxiraa gaggeeffamuu himaniiru.

Hawaasni musiliimaa rakkoo muudateef haallii komiisaanii ittin ibsataan karaan nagaan ta’uu ibsuun dinqisifataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.