Fana: At a Speed of Life!

Burkiinaafaasootti haleellaa hidhattootan qaqqabeen namoonni 43 ajjeefaman

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Burkiinaafaasootti haleellaa hidhattootan qaqqabeen namoonni 43 aajjeefamuun isaanii ibsame.

Hidhattoonni daangaa Burkiinaafaasoo fi Maalii kutaa kaaba biyyattiitti namoota heedduu yoo ajjeesan, 6 ammoo madeessuu isaanii mootummaan beeksiseera.

Hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne gandoota Dinguuyilaa fi Baargaa jedhamanitti haleellaa qaqqabsiisuun isaanii himameera.

Kutaa biyyoota Afrikaa Dhihaa garaagaraatti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin lubbuun lammiilee hedduun darbaa jira.

Bara Faranjootaa 2019 Burkiinaafaasoo, Maalii fi Naayjeeriyaatti haleellaa qaqqabeen lubbuun lammiilee kuma 4 olii akka darbe Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii ibseera.

Maddi:-Aljaziira

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.