Fana: At a Speed of Life!

Burtukaan Miidhaksaan Paartilee siyaasaa galateeffatan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) –Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa Burtukaan Miidhaksaan Paartileen siyaasaa falmii nagaa gaggeessaa turuu isaaniif galateeffataniiru.
Duulli nu filadhaa fi walfalmiin paartilee siyaasaa Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa kaleessa xummuramuu Boordichi beeksiiseera.
Walitti Qabduun Boordichaa Burtukaan Miidhaksaan Paartileen siyaasaa namuusa filannoo eeguun duula nu filadhaa fi Walfamii nagaa gaggeessaniif galata dhiyeessaniiru.
Duulli na filadhaa fi walfamiin bara kana gaggeeffamaa ture waldhabdee tokko malee karaa nagaan xummuramuu himaniiru.
Guyyoonni hafanis namuusaa fi seera filannoo eeguun akka xummuramu amanta qaban Fuula miidiyaa haawasummaa isaaniin ibsaniiru.
Paartileen siyaasaa guyyaa kaleessaa guduunfaa duula nu filadhaa kutaalee biyyattii garaagaraatti gaggeessuu ibsameera.
Har’aa eegalee hanga filannoon gaggeeffamutti duula nu filadhaas ta’ee walfalmii filannoo gaggeessuun dhorkaa ta’uu ibsameera.
Akkasumas Paartileen siyaasaa dhimmoota filannoorratti yaada laachuu fi af gaaffii kamiiyyuu gaggeessuun dhorkaa ta’uu himameera.
Qajeelfamoota Boordiin Filannoo Biyyaalessaa baasu hojiirra oolchuu akka qaban gaafatameera.
Dhaabbileen Miidiyaas sosochii kakaasii filannoo kamiiyyuu keessummeessuun dhorkaa ta’uu ibsameera.
Dhimma filannoorratti Kaadhimamtoota paartilee siayaasaa kamiiyyuu waliin af gaaffii gaggeessuun kan hin heeyyamamne ta’uu ibsaniiru.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.