Fana: At a Speed of Life!

Burundiitti balaa sigiga lafaan lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Magaalaa guddoo Burundii Bujuumbiraa balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 15 darbuun himame.

Rooba cimaa Sanbata fi Dilbata roobeen sigiga lafaa uumameen lubbuun namoota 15 yoo darbuu namootni 30 ol madaa’u Kantiibaan Bujuumbiraa ibsaniiru.

Sababa balaa kanaaf qe’ee fi qabeenyi laammiilee biyyatti hedduun barbadaa’eera.

Ministirri ministira Nageenya Biyyaatti Aliiyaan Gu’iilaa’umee iddoowwan bala kanaan miidhaman dawwachuun, sababa bala kanaan lammiilee qabeenyi isaanii barbada’eef iddoo jireenya yeroo akka laatamuuf himaniiru.

Aanga’onni Burundii jalqabaa baatii kana keessa yoo xiqqaatee balaa sigiga lafaan lubbuun namoota 28 darbuu ibsaniiru.

Maddi:-CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.