Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Niwukilaraa Zapoorizhiyaa haleelamuun yaaddoo hammeesse

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC)- Haleellaan Diroonii Buufata niwuukilaarii Yukireen Zappoorizhiyaa irratti raawwatame balaa niwukilaaraa cimaa ta’uu akka danda’u Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii hubachiise.

Halleellaa raawwatameef Raashiyaan Yuukireeniin himattus Yuukireen haleellicha hinraawwanneen waakkatteetti.

Halleellaan akkanaa akka hinraawwanneef Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Inarjii Atoomikii Idila Addunyaa irra deddeebiin akeekkachiisa kennaa turuu BBC’n gabaaseera.

Haleellaan Dilbataa raawwatame of eeggannoo kan hinqabnee fi balaa nageenya niwuukilaaraa olaanaa hordofsisuu akka danda’uu Dursaan Ejensii Inarjii Atomikii Idil Addunyaa Raafaa’el Giroos hubachiisan.

Buufaanni nuukilaaraa Zappoorizhiyaan, Kibba Yukireen keessatti kan argamu yoo ta’u, Awurooppaatti dhaabata isa guddicha ta’uun eerameera.

Buufatichis madda waldhabdee fi walfalmii Raashiyaa fi Yukireen ta’eera.

Buufatichas Raashiyaan Guraandhala 2022 akkuma waraana Yukireen irratti bananiin yeroo gabaabaa keessatti to’achuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.