Fana: At a Speed of Life!

Buufataalee boba’aa hanqinni boba’aa akka mudatu taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jira – ATBI

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Buufataalee boba’aa hanqinni boba’aa akka mudatu taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu eegaluu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.

Daayrektarri Kominikeeshinii Abbaa Taayitichaa Baqqalach Kumaa dhimmichi ilaalchisuun TOI ibsa laataniin magaalaa Finfinneetti Eebla 16,2015 eegaluu gabaan boba’aa Elktiriksii qofaan akka ta’u taasifamuu ibsaniiru.

Yaa ta’uutii Buufataleen boba’aa tokko tokko hanqinni Boba’aa akka jiru fakkeessuun rakkoolee namtolchee uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Guyyoottan darban keessa buufataalee gochaa seeraa alaa raawwatanii argamaniif of eeggannoon laatamuu turuu eeruun, kanneen gocha seeraan alaa raawwachuu itti fufanirratti tarkaanfiin fudhamuu eegaluu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa Buufata Boba’aa Tootal jedhamu naannawaa Addabaabayii Jarmanitti argamu osoo boba’aan jiruu hin jiru jechuun buufaticha cufeerratti tarkaanfiin fudhamuu eeraniiru.

Akkasumas Buufata Boba’aa Daalool naannawaa Hayaat Sabaa jedhamuun waamamutti argamurrattis tatkaanfiin fudhamuu ibsaniiru.

Yeroo itti aanus Buufataalee seera hin kabajnerratti tarkaanfii fudhachuu kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.