Fana: At a Speed of Life!

Buufataalee filannoo magaalaa Adaamaa dabalatee godina Shawaa bahaa meeshaaleen filannoo qaqqabeera

 

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)- Buufataalee filannoo magaalaa Adaamaa dabalatee godina Shawaa bahaa meeshaaleen filannoo qaqqabuu ibsame.

Buufataleen filannoo kunnee ganama sa’aatii 12 irraa eegalanii banaa ni ta’u jedhameera.

Guyyaarra iddoowwan hanqinni meeshaalee filannoo mudaatee ture aariitiin furamuun ibsameera.

Guyya boruus lammiileen kardii filannoo fudhatan hundi buufata filannootti argamuun sagaleesaanii akka laataan ibsameera.

Godina Shawaa Bahaatti buufataleen filannoo kumni 1 fi 540 fi naannoolee 11 kan argamaan yoo ta’u paartiilee siyaasa 5 ni dorgomuu jedhameera.

Afawaarq Iyaayyuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.