Fana: At a Speed of Life!

Buunyessaa Fiqiramaariyaam Yaadasaan har’a dorgommii gulaallii xumuraa Buunyaa Olompikii ni taasiisa

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC) – Buunyessaa Fiqiramaariyaam Yaadasaan Olompikii Paarisirratti Buunyaan Itiyoophiyaa bakka bu’uuf har’a dorgommii xumuraa ni taasiisa.

Fiqiramaariyaam gulaallii Buunyaa Olompikii Zoonii Afrikaa Seeneegaaliti Kiiloo Giraama 57 gaggeeffamaa jiruun dorgomtoota biyyoota 4 injifateera.

Morkataa isaa Keeniyaa rukkaattaan kuffisuun, kan Liibiyaa murtoo abbaa Murteessaan, kan Moozaambiik fi Aljeeiriyaa qabxiin injifachuun xumuraaf darbeera.

Dorgommii xumuraa har’a Buunyessaa Naayijeeriyaa waliin sa’aatii 9:00 irratti ni taasiisa.

Fiqiramaariyaam har’a yoo injifate Itiyoophiyaan waggaa 15 booda Buunyaan Olompikii Paarisii 2024 irratti hirmaannaa kan argattu ta’a.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.