Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraaleen misoomaa hojjetaman lammiilee qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannoo kan kennan ta’uu qabu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 11, 2016 (FBC) – Bu’uuraaleen misoomaa magaalota keessatti hojjetaman lammiilee qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannoo kan kennan ta’uu qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Manni barnootaa bultii qaro Dhabeeyyii, Sheekaa Faaximaa namoota humna hin qabne giddu galeeffachuun bu’aa hojii namoomaa ta’e eebbifamuusaaf Giifti duree Zinnaash Taayyaachoon baga gammadde jechuun barbaada jedhan.

Muuxannoo milkaa’inaa hojii mana barnootaa kanaa fudhachuun misoomaawwan bu’uuraa raawwataman hundi qaama miidhamtoota giddu galeeffachuu akka qaban yaada keessa galchuun barbaachisaadha jedhan.

Dooktar Abiy ergaa fuula miidyaa hawaasummaa isaaniin dabraniin hojii kana kan deeggaran Sheeka Faaximaa Biintis galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.