Fana: At a Speed of Life!

Caccabaan Bidiruu Tiitaan bishaan jalatti achi buuteen ishee dhabamtee turte gartokkoon argame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2015 (FBC) – Caccabaan Bidiruu Tiitaan bishaan jalatti achi buuteen ishee dhabamtee turte guyyaa har’aa gartokkoon argamuu dhaga’ame.

Qaamni Bidiruu Tiitaan gara duubaa fi sibiilli muraasni argamuu Eegdoonni Qarqara Galaanaa Ameerikaa beeksisu BBCn gabaaseera.

Namoonni 5 Doonii Taayitaanikii Bishaan jalatti dhidhimtee turte daawwachuuf Bidiruu Tiitaan jedhamtuun gara bishaan jalaatti imaluun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.