Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa muudama adda addaa laate

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC)- Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 13ffaa waggaa 6ffaa bara hojii Caffee 5ffaa gaggeesseen muudama adda addaa laateera.
Haaluma kanaan:-
1. Obbo Namarraa Bulii – Hooggana Biiroo Paablik Sarvisiifi Qabeenya Namaa Oromiyaa
2. Obbo Geetuu Wayyeessaa – Itti gaafatamaa wWaajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
3. Obbo Huseen Usmaan – Hooggana Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
4. Aadde Sayidaa Usmaan – Hoogantu Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa gochuun muudeera.
Obbo Abdulhaakim Abdallaa Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Misoma Baadiyyaa ta’anii akka tajaajilaniif Afyaa’ii I/A/Caffee Oromiyaa Aadde Maahbubaa Adam Caffeef dhiyeessaniiru.
Caffeenis, kaadhimamaa dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.
Kana malees Caffeen Muudama Abbootii Seeraa 158 raggaaseera.
Kaadhimamtoonni sirna kakuu raawwataniiru.
Caffeen Oromiyaa, turtiisaa guyyaa lamaatiin ajandaawwan Yaa’ii Idilee 13ffaa Waggaa 6ffaa Bara Hojii Caffee 5ffaaf qabaman 11 irratti marii bilchaataa taasisuun mirkaneessee jira.
Afyaa’iin Caffee Aadde Loomii Badhoos yaa’ichi goolabamuu beeksisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.