Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hunduu ga’eesaa ba’achuu qaba-aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) –Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 11ffaa bara hojii 5ffaasaa gaggeessaa jira.

Yaa’ichaan raawwii qaamolee rawwachiistuu itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dhiyeessanirratti mari’atamaa jira.

Caffichi olaantummaa seeraa fi nageenyarratti bal’inaan ni mari’ataan eegama. Caffeen Oromiyaa yaa’iisaa guyyaa lamaatin wixineewwan labsii 6 fi muudamoota garagaraas ni raggaasisaan eegama.

Paartileen siyaasaa nageenyaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhan af yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon yaa’icharratti haasaa taasisaniin.

Aadde Loomiin yaa’ii idilee 11ffaa waggaa 5ffaa bara hojii 5ffaarratti haasaa taasisan kanaan, ummataa fi paartileen siyaasaa nageenyaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaa giddugala jeequmsaa gochuuf qaamolee karoorfatanii hojjetaniin cinaatti, humnoonni shira siyaasaa xaxuun kaayyoo dhokataa isaanii galmaan ga’achuuf hawwan hojii mootummaan nagaa buusuuf hojjechaa ture hundi akka hin milkoofne socho’aa turaniiru jedhan.

Sababii kanaan ummanni godinaalee lixaa fi kibba baha Oromiyaa rakkoo nageenyaaf saaxilameera jedhan.

Barri kun, bara yaada moo’ataa burqisiisuun ummata of cinaa hiriirsinee fedhii fi gaaffiisaa deebisuuf itti hojjennu malee, bara meeshaa waraanaatti abdachuun fedha keenya galmaan itti gahannu akka hin taane qaamni kamuu sirnaan beekuu qabas jedhan.

Filannoon marsaa 6ffaa dhuma bara 2012tti gaggeeffamu demokraatawa, haqa-qabeessaa fi bilisa akka ta’uuf, paartiileen siyaasaas sagantaa fi kaayyoo qabatan ummataaf ibsuu akka danda’aniif, ummannis paartii isaaf ta’u filachuu akka danda’uuf, hojiin nageenya mirkaneessuu ji’oota itti aanan keessattis hojii ijoo mootummaa ta’ee kan itti fufu ta’uu aadde Loomin eeraniiru.

Caffeen Oromiyaa, karooraa fi baajata bara 2012 jalqaba waggaa irratti raggaasiseen karaa koreewwan dhaabbii isaatin raawwiisaa qaamolee mootummaa irratti hordoffii fi to’annoo taasisuun, seeronni tumaman qaamolee hunda bira qaqqabuu isaanii mirkaneeffachuuf hojii bakka bu’ummaa ummataa raawwachuu fi dandeettii raawwachiisummaa manneen maree ummataa sadarkaan jiranii cimsuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa tureera jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.