Fana: At a Speed of Life!

Cee’umsi gara caasaa Gamtaa Afrikaa haaraatti taasifamu iftoominaan akka raawwatamu obbo Gadduun gaafatan

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Cee’umsi gara caasaa Gamtaa Afrikaa haaraatti taasifamu iftoominaan akka raawwatamu ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw gaafatan.

Obbo Gadduun cee’umsichi iftoominaa fi mirga hojjettootaa bifa kabajeen akka ta’u gaafataniiru.

Ministirichi walga’ii hoji raawwachiistota Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Sadarkaan hojii caaseffama haaraa Gamtaa Afrikaa dhiyaatee irratti mari’atameera.

Fooyyessi caaseffamaa haaraan akkaataa kallattii kaa’ameen raawwatamuun, iftoominaa fi mirga hojjettootaa eeggatee hojiirra akka oolu gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.