Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa waliin dameewwan hedduun waliigalteerraa ga’uun milkaa’ina olaanaadha-Dooktar Abiy

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Yeroo hafuuraa fudhannaa idaa argachuu dabalatee dameewwan hedduudhaan Chaayinaa walii waliigalteerra ga’uun milkaa’ina olaanaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiya Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, yaa’ii BRICS Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piingi waliin dhimmoota gamlamee biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.

Bara dhufu sirreeffamni kaffaltii idaa waliigalaa hanga gaggeeffamutti Chaayinaan Ityoophyaaf yeroo hafuura fudhannaa waggaa tokkoo kennuu ishee Dooktar Abiy beeksisaniiru.

Dabalataanis, dameewwan hedduun waliigaltee walta’iinsaa taasisuu ibsuun, kunis milkaa’ina olaanaa ta’uu eeran.

Gama biraatiin, Mummeen Ministiraa Hindi Naraandiraa Moodii waliin kan mari’atan Dooktar Abiy, dameewwan saayinsii fi teeknooloojii, loltummaa, daldalaa fi invastimantiin waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu beeksisan.

Walta’iinsi kunneen hundi guddummaa fi dhageettii qabaachuu Ityoophiyaa kanneen argisiisan ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.