Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Doonii Elektirikaa saffisaa addunyaa jedhame hojiirra oolchite

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Chaayinaan Doonii Elektirikaa sadarkaa addunyaatti saffisaa jedhame hojiirra oolchuu beeksiifte.
Imaltoota kuma 1 fi 3 fe’uuf dandeettii kan qabuu fi Baatiriiwwan elektirikaan kan hojjetu dooniin kun, guyyaa kaleessaa Giddu gala Chaayinaa Bulchiinsa Huubee magaalaa Yichaangii imala jalqabaa taasiiseera.
Meetira 100 kan dheeratuu fi Baatiriiwwan qiinxee humna Kiiloo Waatii kuma 7 fi 500 qaban 15 qaba jedhame.
Kunis addunyaarraa Doonii Ammayyaa isa taasiisa jedhameera.
Waggaan Boba’aa Toonii 530 kan qusatu, gaazii qilleensa faaluu danda’an Toonii kuma 1 fi 600 hir’isuu danda’as jedhame.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.