Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan sababa Koronaan uggura imala biyya alaa keessee turte kaaste

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)- Chaayinaan Sababa weerara Vaayirasii Koronaan imala biyyaa alaa uggurtee turte kaasuun gabaafame.

Kana booda imaltoonni biyya alaa gara Chaayinaatti imalan bu’uura qajeelfamaa dirqamsiisaa Vaayirasii Koronaa duraan kaa’amee tureen bakka tursiisa addaa keessa guyyoota shaniif kan tursiifaman akka ka’es Aljaziiraan gabaaseera.

Beejingi ugguricha erga kaaftee as imaltoota jalqabaa 387 Singaappoorii fi Kanaadaarraa simachuun eerameera.

Imaltoonni kanaan dura bu’uura uggura qajeelfama Vaayirasii Koronaa kaa’amee tureen rakkoo tokko malee maatii isaaniitti akka makaman ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.