Fana: At a Speed of Life!

Ciminoota argaman itti fufsiisuun hanqinaalee adda bahan bu’uurarraa sirreessuuf xiyyeeffannoon hojjetama – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) –Ciminoota bara 2016 keessa argaman itti fufsiisuun hanqinaalee adda bahan bu’uurarraa sirreessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Pireezidaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Rakkolee bu’urarraa fooyyeessuuf hooggansi xiqiin deemurratti jijjiiramni dhufaa jiraachuu kaasaniiru.
Rakkoolee kenna tajaajilaa, ijaarsi caasaa sadarkaa Aanaafi gandaatti jiru laafaa ta’uu, rakkoon gabaasa sobaafi hannaan wal qabatu, haalli hojiin itti madaalamu jijjiirama kan wal himne ta’uu, rakkoo uumameef itti gaafatamummaa fudhatanii sirreessurra sababa baayyisuun dhimmoota raawwii keessatti akka hanqinaatti adda bahan ta’uu gamaaggamichaan ilaamamuu himameera.
Kurmaana sadan darban keessaiCiminni hedduun argamus hanqinnalee jiran furuuf jijjiirama fiduuf xiyyeeffannan hojjetama jedhaniru.
Muluu Waqshumeetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.