Fana: At a Speed of Life!

Uwwisa bosonaa Ityoophiyaa % 17.2tti ol guddisuun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti hojii cirama bosonaa hir’isuuf hojjetameen uwwisni bosonaa gara % 17.2 guddisuun danda’amuu ibsameera.
Sagantaa misooma Ashaaraa magariisaan waggoota 4 keessatti karoora biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti biiliyoonni 9 dhaabbachuu himameera.
Rakkoo qabeenya jijjirrama qilleessaan dhufuuf deebii laachuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu Komishinarri Komishiin Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaan ibsaniiru.
Akka ragaan bara 2010 irraa argame agarsiisuutti, damee Qonnaan Kaarbanii Meetirik Toonii 5.73, damee Bishaan, Jallisii fi Inarjiin Meetirk Toonii 23.55, damee Bosonaan Meetirik Toonii 15, damee Geejjibaan Meetirik Toonii 0.34, damee Daldalaa fi Indaastiriin Meetirik Toonii 0.017, damee Misooma magaalaa fi Ijaarsaan meetirik Toonii 0.03 walii gala Kaarbanii meetirik Toonii 92.6 hir’isuun danda’amuu eeraniiru.
Bara 2002 – 2011tti dhiibbaa jijjiirrama qabeenya qilleensaan dhufu dandamachuu fi deebii laachuuf hojii hojjetamaa tureen Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 82 baasii ta’uu Proofeesar Fiqaaduun ibsaniiru.
Yisimaaw Adaraatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.