Fana: At a Speed of Life!

“Daandii Qulqulluu-Jireenya Fayyaa”n miidhagina Magaalaa dabaluun naannawaa faayyaalessa kan uumuudha-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)-“Daandii Qulqulluu-Jireenya Fayyaa”n miidhagina Magaalaa dabaluun naannawaa faayyaalessa kan uumuudha jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad pirojektoota Maaddiin Shaggarii fi hojiilee misoomaa garaagaraa maddisiisuurraa eegalee hogganuun Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu fi qulqulluu taasisuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalattii miidhaguu, qulqulluu fi jiraattotaaf mijattuu taasisuuf kan kaayyeffate sosochiin “Daandii Qulqulluu-Jireenya Fayyaa” Magaalaa Afrikaa Finfineetti eegalchisuu himan.

Sosochichi haala qaanesaa ta’een daandii cinaatti qulqullaa’uu irra, miidhagina magaalaa haala dabaluu danda’uun naannawaa fayyaalessaa uumuuf kan dandeessisuudha jedhaniiru.

Jireettota isheef magaalaa mijattuu uumuuf hojiilee Ministirri Muummee eegalan hoggansi hundii fi jiraattonni magaalattii dammaqinaan akka hirmaatan waamichaa dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.