Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balaalii gara Singaappooritti taasisu eegaluuf

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC)– Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Bitootessaa 16, 2015 irraa eegalee sababa weerara vaayirasii koronaan kan addaan citee ture balaalii gara Singaappooritti taasisu akka eegalu beeksise.

Balaliin kunis torbanitti yeroo afur ta’uu ibseera.

Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfiin Xaasawu akka jedhanitti, balaali gara Singaapppooritti sababa weerara vaayirasii Koronaan addaan cite ture irra deebiin eegaluuf ta’uu ibsaniiru.

Tajaajilli balalii kunis Eeshiyaatti dhaqabummaa daandichaa kan bal’isuu fi walitti hidhamiinsaa Afrikaa fi Singaappoor gidduutti akka uumamu kan taasisuudha jedhan.

Dabalataanis, hariiroo daldalaa, invastimantii fi tuuriizimii Afrikaa fi Singaappoor gidduu akka jabeessu ibsuu ragaan daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.