Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa giddugala suphaa isaa gara dijiitaalaatti jijjiire

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa giddugala suphaa isaa gara dijiitaalaatti jijjiiruu beeksise.

Giddugalli suphaa gara dijiitaalaatti  jijjiiramuun waggaa waggaan baasii waraqaa fi humna namaaf baasuu Birrii miliyoona 500 hambisa jedhameera.

Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfiin Xaasawu, daandiin qilleensichaa giddugala suphaa xiyyaarotaa gara dijiitaalaatti jijjiiruuf proojektii waggoota 4 qopheessuun hojjechaa turuu eeraniiru.

Giddugalichi hanga ammaatti waraqaan deeggaramee kan hojjechaa turee ta’uu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa guutummaatti gara dijiitaalaatti jijjiiramuu ibsanii, hojmaanni kun qisaasama yeroo mudataa ture kan hambise ta’uu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Damee Oppireeshinii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Rattaa Malaakuu, giddugalli suphaa kun gara dijitaalaatti  jijjiiramuun saffisa hojmaataaf gahee olaanaa qabaata jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.