Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Xiyyaara Eer Baasii 20ffaa A350 -900 fudhate

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Xiyyaara Eer Baasii 20ffaa A350 -900 fudhachuu beeksiise.

Xiyyaarri kun boba’aa aviyeeshinii itti fufiinsa qabu dhibbeentaa 30 (SAF) kan fayyadamu yoo ta’u, kunis galma to’attoonni Kaarboonii gadi lakkifamu Indaastiriin Aviyeeshinii Addunyaa bara 2050tti zeeroo taasiisuuf qabate milkeessuuf gargaara jedhame.

Xiyyaarri kun meeshaalee deeggarsa namoomaa ulfaatina Toonii 10 qabu fe’ee gara Ityoophiyaa dhufuu ragaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.