Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensicha fi IGAD waliigaltee sanadaa mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa Geejjibaa Qilleensaa Ardichaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee sanadaa mallatteessaniiru.

Jibuuttiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsagaayee gama Tiwiitaraa isaaniin erga dabarsaniin, seektarri geejjibaa walitti hidhamiinsa naannawwichaa cimsan keesaa tokko ta’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan walitti hidhamiinsa naannawichaa cimsuuf Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa sanadaa waligaltee korpooreetii mallatteessuu ibsaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.