Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa gurgurtaa tikkeettii kallattiin raawwatamu dhaabe

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa gurgurtaa tikkeetti kallattiin raawwatamu dhaabuu beeksise.

Daandiin qilleensichaa imala kamiifiyyuu gurgurtaa tikkeetti gama Intarneetii qofa kan raawwatu ta’uu ifoomseera.

Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfii fudhatame ta’uu himameera.

Sababa kanaan Wiixata dhufuu eegalee waajjiraaleen gurgurtaa tikkeetti hundi kan cufaman ta’uu beeksiseera.

Maamiltoonni dhaabbatichaa tajaajila barbaadaan Bilbilaa fi Baankootaan argachuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.