Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa Oomisha Bunaa gara Eeshiyaa fi Giddugaleessa Bahaatti ergamuuf gatii fe’umsaa hir’isuu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyooophiyaa Oomisha Bunaa gara Eeshiyaa fi Giddugaleessa Bahaatti ergamuuf gatii fe’umsaa hir’isuu beeksiiseera.
Buna Kiiloo Giraama tokkotti gatii fe’umsaa Doolaara 1.5 hir’isuu himeera.
Tajaajilli Kaargoo fi Loojistiksii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa ergitoota Oomisha Bunaa jajjabeesuu fi Buna Itiyoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf gahee isaa cimsee itti fufuu ibseera.
Haaluma kanaan Buna gara Eeshiyaa fi Giddugaleessa Bahaatti ergamurratti Kiiloo Giraama tokkotti gatii fe’umsaa hanga Doolaara 1.50 hir’isuu ragaan fuula dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.