Fana: At a Speed of Life!

Daandiin saffisaa Baatuu- Arsii Nagallee xiyyeeffannoo addaa akka barbaadu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Daandiin saffisaa Baatuu – Arsii Nagalee xiyyeeffannoo addaa mootummaa kan barbaachisu ta’uu eerrameera.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koreen dhaabbii dhimmoota misooma magaalaa, Konistiraakshinii, fi geejjibaa qaama daandii saffisaa Mojoo – Hawaasaa kan ta’ee ijaarsa daandii saffisaa Baatuu – Arsii Nagallee daawwateera.
Daandichi Kiiloo Meetira 57 kan dheeratu yoo ta’u mootummaan proojaktichaaf xiyyeeffannoo addaa laachuu akka qabu korichi ibseera.
Akka waliigalteetti ijaarsi daandichaa % 61 irra ga’uu osoo qabuu hanga ammaatti % 11 irra jiraachuu Mahaandisni Proojaktichaa Injiinar Addis Hiyiwat Taaddasaan ibsaniiru.
Proojaktichi daaggarsa Baankii addunyaarra argame Birrii biiliyoona 3.3 hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Ijaarsi daandichaa dhaabbata ijaarsaa Swiizarlaand ‘SBI’ jedhamuun gaggeeffamaa akka jiru ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.