Fana: At a Speed of Life!

Daandiin xiyyaaraa Indiyaa ‘SpiceJet’ samii dhiisee galaanarra balalii jalqabe

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Daandiin xiyyaaraa Indiyaa ‘SpiceJet’ jedhamu daldala geejibaa yeroo weeraraa kanatti gad-bu’e fooyyeessuuf xiyyaarota galaanarraan hojii jalqabe.

Daandiin xiyyaaraa biyya keessaa kun, daandilee galaanaa 18f mirkana kenneera.

Daandilee kunneen keessaa tokko lafa siidaan dheeraa addunyaa meetira 182 tahu ministira dhimma keessaa biyyattii jalqabaaf ijaarame jiru Kevaadiyaatti geessa.

Yeroo weeraraatti ‘SpiceJet’n fe’insa miyaa fi balalii biyya keessaa dabalatee madda galii adda addaa irratti xiyyeeffachuun hojjetaa ture.

Daandiiwwan qilleensaa baayyee erga koroonaavaayirasiin mudatee as bu’aa isaanii eeggachuu yaalaniyyuu hin dandeenye.

Daandii xiyyaaraa Yuunaayitiid Kingidaam ‘Flybe’fi ‘Virgin Australia’ kanaan warreen eeramani dha. Kaan immoo hojii dhuma dhaabuu dhiisuuf jecha hojjettoota ari’aa turan.

Kanneen hojii nyaata xiyyaaraan geeessuu faa kan hojjetaa turanis jiru.

Dura taa’aan ‘SpiceJet’ Ajaay Siih xiyyaaronni galaanarraa kunneen geejjiba naannolee gidduu jiru ni fooyyessu jedhan.

Yaadni kun mootummaa Indiyaan kan deeggaramu yoo tahu xiyyaaronni galaanarraa kunneen buufata guddaa malee qaama bishaan xiqqaafi daangaa qilleensaa bal’aa otoo hin fudhatiin qubachuu danda’u.

Ministirri Mummee Indiyaa Naareendiraa Moodii balalii isa jalqabaa Ahimeedaabaad irraa gara Kevaadiiyaa adeemuun Sanbata har’aa ni eebbisu jedhameera.

Imalli daqiiqaa 30 ruuppii biyyattii 1,500 nama kaffalchiisa.

SpiceJet xiyyaarota galaanarraa ‘300 Twin Otter’ jedhaman kan Kaanaadaatti hojjetaman fayyadama. Hojjettootaafi imaltoota dabalatee namoota hanga 19 baachuu danda’u.

Xiyyaarri gosa kanaa kun iddoowwan xiyyaarri guddaan gahuu hin dandeenye sababii xiqqeenya isaaniin qaqqabuu ni danda’u.

SpiceJet baraFaranjoota 2017’tti ture xiyyaara galaanarraa kana Mumbaayitti yaaliif kan jalqabe. Qaamota bishaanirra imalaa qilleensa keessatti qunnamtii gochuun akka danda’amu mirkaneeffachaas ture.

Yeroo Indiyaan uggura irra turte daandii xiyyaaraa kana qofatu lammiilee Indiyaa miiliyoona 1 tahan biyyatti deebisaa kan ture.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.